Hubannoof | Jechoota Hanna koompitaraa(Hacking Terminologies) – Hanna Koompitaraa: K-3ffaa


Hanna koompitaraa keessatti jechootni yeroo heddu dhimma itti baanu hedduu tahanis; Jechootni hanna koompitaraa keessaa muraasni:

~ Mosdhaa ykn Mosajjii dhaadhessaa(Adware) – Mosajjii bifa beeksisaa fakkaatee namatti ergamuudhaan, namni barbaadame sun yoo beeksisa sana cuqaase ykn tuqe odeeffannoo nama sanaa qaama 3ffaaf erguuf kan fayyaduudha.

 

~ Faaluu(Attack) – Kunis tooftaa ykn haala sirna(system) barbaadame tokko faaluudhaan odeeffannoo barbaadame keessaa ittiin fudhataniidha.

 

~ Seensa dawoo(Back door) – seensa dhokannaan sirna koompuutaraa irratti gaggeeffamu ta’ee eeggumsa akka jechadarbii, fi seensa adda addaa darbee tahuudha.

 

~ Tilmaamtuu(Bot) – Sagantaa tahe jedhee wanta tokko tilmaamaan irra deddeebi’uuudhaan sirnicha cabsee seenuuf yaalii taasifamuudha. Saffisni yaaltuu kanaas guddaafi kan humna namaatiin hojjachuuf hin danda’amneedha.

 

~ Tilmaamtuu Cimdaa(Botnet) – Garee koompitaa hayyama abbaa malee too’atame ta’ee kan dhukkuba koompitaraa namatti erguun beekamu ykn tajaajila fayyadamaaa addaan kutuudha.

 

~ —–(Brute force attack) – Sirna ofhaaromsaafi akkasumas salphaa tahee itti-fayyadama sirnichaa ykn marsariitii tokkoo salphatti argachuuf kan ooluudha. Kunis walmakaa maqaa fayyadamaafi jecha darbii tooko irra deddeebiiidhaan yaaluudhaan sirna hayyama hin qabne tokko hayyama hanga argatuuf yaalii gaggeeffamuudha.

~ Dhangaliinsa kuufamaa(buffer overflow) – Kunis dhangala’iinsa deetan tokko humnaa ol tarree kuustuurratti yoo olkaayame uumamu irraa kan dhufu, kuufamni humnaa olguute dhangala’iinsatti geeddaramuudha.

~ Fakkaattii(clone fishing) – Kunis haaromsa hidhaa(link) seerawaa fi duraan jiru kanneen akka Teessoo Ergaa(e-mail) tahee, fayyadamaan hidhaa kana fayyadamuudhaan deetaa ykn odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbataa sanaa hatuuf kan itti dhimma bahamuudha.

 

~ Loot-galtu(Cracker) – Gosa hattoota koompitaraa ta’anii kanneen Mosajjiilee namootni fayyadaman dhoksaan qabiyyee ofii barbaadani itti dabalanii ykn haaromsanii odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbataa mossajii sana irratti fayyadamaan galchu gara ofiitti erguun hanna gaggeessaniidha.

 

~ Uggura Tajaajilaa(Denial of service attack-DOS) – Kun uggura hatuxxeen, akka fayyadamtootni kuusaa daataa hin qunnamne ykn cimdaa hin fayyadamne gochuudhaan maamiltoota mufachiisaniidha, yeroo hedduu tajaajila internmeetaa kutuun ykn dhiphisuudhaan beekkamu.

 

~ Mi’a Basaastuu(Exploit kit) – Kunis Sirna Moosajii kanneen kuusaa deetaa fa’a ergamee odeeffannoo dhoksaa funaanuuf hojjatame yommuu tahu odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbata barbaadamee tokko akka funaanuuf kan ergamuudha.

 

~ Dallawa Cimdaa(Firewall) – Kuni Eegduu qaama hin beekamne cimdaa hayyamameen alaa dhufee sirna koompitaraa ykn cimdaa tokko faaluuf dhufe ykn ergame calalee kan ittisuufi walqunnamtii icciitenyisaa eegame mooricha keessatti kan hojiirra oolchuudha.




~ Qinqaanii dhokataa(Logic bomb) – Gosa qinqaanii(virus) dhokataa tahee kan yoo haala mijataa argate dhoohuudhaan odeeffannoo dhoksaa gara qaama ergetti dabarsuun beekamuudha.

 

~ Dhibeewwan Sirna koompitaraa(Malware) – Kun gaaddisa ykn maqaa Moosajiilee garagaraa kanneen dhibeewwan sirna koompitaraa keenyarratti miidhaa qaqqabsiisan tahee, isaani keessaa muraasni: Qinqaniiwwan(viruses), raammolee(worms, trojan horse), Moosajiilee jijjiirraa(ransomware), Moosajiilee basaastuu(Spyware), Fakkeettii beeksisaa(Adsware), Moosajiilee ofbittinneessoo fikkf ofkeessaa qaba.

 

~ Sagantaa Irra-jabaa(Master Program) – Sagantaa hatuxxeen qoobii gurraachaa fageenyarraa(remotely) itti dhimma bahuun ajaja irratti sochoosuudhaan tajaajila addaan kutuu ykn cimdaa faaluuf fayyadamuudha.

 

~ —-(phishing) – Gosa Hanna yakkaa keessaa tokko kan ta’eefi mala hattootni odeeffannoo E-mail dhugaa fakkaatu namatti erguudhaan odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbataa kanneen akka odeeffannoo icciitii, akkasumas odeeffannoo herrega baankii fudhachuuf itti dhimma bahaniifi baankicha irraayis odeeffaannoo argatanitti dhimma bahuun Mallaqas nama tokko ykn dhaabbaticha jalaa ittiin miliksaniidha.

 

~ —(Phreaker) – Gareen kun hattoota koompitaraa isaan sirrii jedhamuun kan beekkamaniifi Cimdaa bilbila nama dhuunfaa, ykn garee ykn Dhaabbata tokkoo qilleensarratti seeraan ala cabsuudhaan, sarara sanatti fayyadamaa iddoo barbaadan ykn biyya barbaadanitti bilisaan kanneen bilbilataniidha. Herregni tajaajila isaanii kan abbaa sarara baafatee irratti lakkaaya.

 

~ — (Social Engineering) – Mala odeeffannoo icciitii nama dhuunfaa ykn dhaabbataa kan akka odeeffannoo Kaardii Liqaa(credit card details) dhoksaan fudhachuuf gargaaruudha.




~ Dhaamsa gatoo(Spam or junk mail) – Dhaamsa gatoo tahanii kanneen soba adda addaa xaxuudhaan, mallaqa walitti funaannachuudhaaf namatti ergamuudha. Keessi dhaamsichaa yaadaan dhugatti kan dhiyaatu tahus garuu sobaafi tooftaa nama goyyoomsuudhaan mallaqa nama irraa itti gaafataniidha.

 

~ —(Spoofing) – Tooftaa ergaa hattootni Koompitara Lakaddaa(IP)tti erguun akka madda qabatamaarraa ergametti barreessanii hayyama koompitara ykn cimdaa keenya fayyadamuuf isaan dandeessisu ittiin argachuuf yaalaniidha.

 

~ Basaastuu(Spyware) – Moosajiin odeeffannoo icciitii nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo osoo isaan hin beekin hatuuf namatti ergamuudha.

 

~ waraansa Kuusdeetaa SQL(SQL Injection) – kunis deetaa kuusdeetaa irra jiru aaluudhaan miidhaa qaqqabsiisuuf kan oolu yoo tahu Kuusdeetaa hojii dhaabsisuun ergamasaati.

 

~ Maxxannee(Trojan) – Sagantaa deetaa ykn faayilii tokkotti maxxanee osoo nuti hin hubanne miidhaa qaqqabsiisuun beekkamuudha. Maxxannee jechuunis ni danda’ama.

 

~ Qinqanii(Virus) – Sagantaa sirna koompitaraa ykn cimdaa keenya keessatti yeroo gabaabaa keessatti ofbaay’isuu danda’uufi sirna koompitaraa keenya mancaasuu akkasumas deetaa guutumatti balleessuu kan danda’uudha.

 

~Hanqina(Vulnerablity) – Kunis dadhabina ykn hanqina hattootni koompitaraa akka sirna koompitaraa ykn cimdaa keenya seenan daandii saaquudha.

 

~ Raammolee(worms) – Qinqanii ofiin of baayi’us tahee, akka qinqaanii warra kaanii kan deetaa mancaasu osoo hin taane, caluma jedhee kuustuu sirna koompitara keenyaa irratti irra-deddeebiidhaan of baa’isuudhaan Sirna koompitaraa keenya jaataneessuufi hanga dadhabsiisee hojii isaa akka hin hojjanne dhaabsisuu kan geessisuudha.

 





#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaa argachuuf: www.hojii.net

Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *