Kisaaraan yakka Saayibariitiin Afrikaa irra gahe bara 2017 Doolara Ameerikaa Bil. 3.5tti kan tilmaamu yoo tahu, Ka'umsa bara 2016 ammoo yoo xiqqaate Biyyootni Afrikaa Doolara Bil.2 ol dhabuutu himame.

Akka gabaasni haaraa Eegumsa Saayibarii Afrikaa kan dhaabbanni ‘Serianu Limited’ jedhamu Matduree ‘Demystifying Africa’s Cyber Security Poverty Line’ jedhuun gabaasa bara 2017 baaseera.
Mataduree gubbatti eeramarame fayyadamuun kan barbaachiseef, Dhaabbanni ykn biyyi saamicha aggaammii saayibarii irraa of ittisuu hin dandeenne akka jechuuti jedhameera.
Qorannoo Ogeeyyii daldalaa 700 ol Dhaabbilee daldalaa adda addaa biyyoota 10 ol keessa hojjatan irratti akka gaggeeffame himameera.

Qorannoo Eegumsa saayibarii 2017 gaggeeffame bu’aa hedduu rifachiisaa kan saaxileedha. Afrikaatti Dhaabbileen daldalaa Dhibbeentaa 95(95%) olta’an ‘Hiyyummaa Sarara Eegumsa Saayibarii gadi(below the cyber security poverty line)’ jiraachuu kan agarsiiseedha.
Dhaabbileen kunneen hedduun isaanii giddugaleessaan waggatti baajata hanga Doolara 1500 Tekinoolojii eegumsa saayibarii fi tajaajilootaaf akka ramadan hoogganaan dhaabbatichaa himeera.

Qorannichi aggaammii Biyyoota Afrikaarra gahe kana dameelee 8tti kan hire yoo ta’u, tartiibaan: ‘Aggaammii olaanaa(Top attack), cyber intelligence, survey analysis, home security, top trends, sector risk ranking, industry analysis and anatomy of a cyber heist’ jechuun hireera.

Qorannichi dabalataan akka addeessutti, Biyyoota Afrikaatti, Daldalli Damee Baankii kanneen aggaammiin saayibarii ammas itti xiyyeeffateeru keessaa durarra kan jiru tahuun kan ibsee fi Tamsa’inni odeeffannoo Sobaa maddoota hin mirkaanaa’in irraa tamsa’an, akkasumas hedduuminaan oduuleen qabatamatti akka jijjiraman himameera.

Related image
Saamicha Saayibarii- Afrikatti

Dabalataanis, gabaasni qorannoo Eegumsa saayibarii 2017 akka himutti; Dhaabbilee daldalaa qe’eetiif yeroo ulfaataa tahuu addeesseera. Lakkoofsaan, Yoo Sodaa fi hanni deetaa kan guddatu ta’e Hattootni(Hackers) Biyya keessaa dandeettii cimsachaa xiyyaannoo keenuu kan agarsiisu akka tahe akeekaniiru.
Maatiin dhibbeentaa 90 tahu daa’imman isaanii tooftaa miidhaa saayibarii(cyber bullying) akka hin saaxilamne eeggatuun hin beeku.
Akkasumas, Dhibbeentaa 96 yakka saayibariitis kan hin gabaafamnee ykn kan furmaata hin argatin ta’uutu himame.

Yakka Saayibariitiin Bara 2017 qofa Doolara Bil. 3.5 Biyootni Afrikaa kasaaran keessaa:
– Sadarkaa 1ffaa irra kan jiru Naajeeriyaan – Doolara Mil.649 kasaarte
– 2ffaan Keeniyaa yoo tahu, Doolara Mil.210 kasaarte.
– 3ffaan Taanzaaniyaa – Doolara Mil.99 kasaarte.

Ardii Afrikaatti, Dhaabbileen xixiqqaafi giddugaleessi humna hojiitii dhibbeentaa 80 kan gumaachan waan taheef Ikoonimii ardiitiif barbaachisummaan isaanii olaanaa yoo tahu, garuu hanqinni too’annaa eegumsa saayibarii dhaabbilee kanneeniifi ardittiidhaafis sodaa guddaa dha, akkasumas itti-fufiinsi guddina seektarootaa tekinoolojii irratti kan irkate waan taheef gara balaa hammaatatti isaan oofuuf carraan baladhaadha.’ kan jedhun Hoogganaa olaanaa dhaabbatichaa Obbo ‘Makatiani’ dha.
Dabalataanis, Qorannichi Dhaabbileen daldala giddugaleessaa kenneen balaa kanaaf saaxilaman keessaa kan Damee Tajaajila Faayinaansii ta’an keessaa kan akka: Gamtaalee, Intarpiraayizoota Maayikiroo Xixiqqaa, Dhiyeessii Fin-Technology, fi kanneen tajaajila Daddarbiinsa Mallaqa Mobile kennan adda duree tahuu himan hoogganichi.

Gabaafni kan cio.co.ke
Afaan Oromootiin kan dhiyeesse oroict.com dha.

DUUBDEEBII KENNI

Please enter your comment!
Please enter your name here