Labsiin haasaa Jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi too’achuuf bahe falmii dheeraan booda sagalee caalmaan ragga’e.

Wixineen labsii kanaa Sadaasa 16 bara 2012 ture mana maree bakka bu’oota uummataatiif dhihaatee xinxaala dabalataatiif gara koree dhaabbii seeraa fi haqaatti kan qajeelfame.

Labsiin kun haasaa jibbiinsaa fi odeefannoo sobaa haleellaa saba, amantaa, uummata, saalaa fi qaama miidhamummaa irratti fuullefatan kan dhorkudha jedhame.

Kanaanis, haasaa ergaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban addabaabayii, walgahii, miidiyaa biroodkaastii, maxxansa, miidiyaa hawaasummaa fi kanneen biroo irratti tamsaasuun dhorkamaadha.

‘Adabbii’

Labsii haaraa bahe kanaan namni yookan gareen haasaa jibbiinsaa dhorkame taasise hidhaa hanga waggaa lamaa yookan birrii kuma 100 hin caalleen adabama jedha labsichi.

Sababa haasaa jibbiinsaa sanaatiin nama dhuunfaa yookan garee irra miidhaan yoo gahe ammoo hidhaa waggaa tokkoo hanga shanii adabsiisa.

Miidiyaa hawaasummaa irratti namni hordoftoota 5000 fi isaa olqabu, miidiyaa biroodkaastii fi maxxansa yeroo yeroon bahu irratti haasaa jibbiinsaa fi odeefannoo sobaa maxxansuun hidhaa hanga waggaa 3 fi birrii kuma 100 hin caalleen akka adabamu ibsa.

Miidiyaa hawaasummaa irratti ‘like’ fi Tag’ tahuun garuu akka nama hin gaafachiisnes labsii kanarratti ibsameera.

Labsiin kuni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heera mootummaa keewwata 29/2 irratti kaahame kan sarbudha jechuun miseensonni mana marii yaadota mormii dhiheessaniiru.

Yaadota deeggarsaa fi mormii ka’aniin booda labsiin kuni sagalee mormii 23 fi sagalee callisaa 2′ n mirkanaa’eera.

Yaaddoo falmitoota mirga namoommaa

Haa ta’u malee labsii kanarratti qaamolee mirgootaa namaaf mormina jedhan dabalatee namoonni kaan yaada ofii bilisaan ibsachu danquu mala jechuu yaaddoo qaban ibsataa jiru.

MM Dr Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii as walitti bu’insa sabaa ykn amantii yeroo yerootti umamuuf maddisaanii haasawaa jibbaa fi odeeffannoo dhimmicha cimsan kanneen karaa miidiyaalee hawaasaatiin dabarfaman akka sababaatti ka’u.

Hojiiwwan waggoottan lamaan darbaniif waajira Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaatiin raawwatamaa turan keessaa inni guddaan hojii foyya’iinsa seeraa fi haqaa ta’u dubbi himaan waajirichaa Obbo Zinaabu Tuunuu ni himu.

Kanas ”hojiiwwan fooyya’insa seeraa fi haqaa akkuma duri barameetti akka adeemuuf hin barbaadamne” jedhu.

Kanaafis addatti qajeelchi hojii kana hojjetu waajira Abbaa Alangaa jalatti hundaa’eera jedhu.

Manni mare seeraa fi haqarratti qajeelcha kanaaf gorsa kennu kan Obbo Zinaabuun qaama ”walabaa” jedhaniin tokko hojiiwwan qajelchichi hojjatu deggarus akka jiru himu.

Manni maree kun keessattu labsiiwwan gurguddaadha jedhaman wayita wixineeffamanitti Abbaa Alangaa Waliigalaatiif gorsa akka kennu dubbi himaan kun ni dubbatu.

Manni maree kunis, mootummaan alattis namoonni damee kana keessaatti muxannoo, beekumsaafi oggummaa guddaa qabanii fi beekumsaa fi gahumsa isaanii kana ammo tajaajila ummataatiif oolchu barbaadan keessatti argamu jedhu.

Manni maree gorsaa kunis hojiiwwan muummee sadii akka raawwatuuf barbaadamuu himu obbo Zinaabuun. Inni duraa labsiiwwan kana dura ”ukkaamsoodha” jedhaman fooyyeessudha jedhan.

Inni lammaffaan ammo, labsiiwwan haala qabatamaa siyaasaa amma irra gahamee calaqiisiisan wixinneessu yoo ta’u, sadaffaan ammo labsiiwwan kanneen bilisaa fi walaba ta’ee xinxaluun erga qaamooleen dhimmisaa ilaallatu akka irratti mari’atan taasiseen booda akka raggaasifamuuf mootummaatti dhiyeessuudha jedhu.

Ta’us manni maree kun “qaama nu gargaarudha” jedhu. “Abbaa dhimmaa ta’ee labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa to’achuuf wixineen qophaa’e kun dandeettii dhaabbata keenyaa fi deggarsa qaamolee qooda fudhattooni,” jedhu Obbo Zinaabuun.

Seerichi maaliif yaaddoo uume?

Eega wixinee labsii haasaa jibbiinsaa fi tatamsa’ina odeeffannoo sobaa hambisuu fi to’achuuf baherratti mariin godhame booda kan qaamolee yaaddoo qaban dhagahamuun kan jalqabame.

Hiiyumaan Raayitis Wach gabaasa ji’a Muddee keessa baaseen seericharratti fooya’iinsi hin godhamu taanan bilisummaa yaada ofii ibsachuu irratti dhiibbaa gochuu danada’a sodaa jedhu qaba jedhe.

Humaan Raayitis Wach keessatti qorattuu kan ta’an Laayitiishiyaa Baadar akka jedhanitti “mootummaan Itoophiyaa odeeffannoo marsariitiirratti qoodamanii fi walitti bu’iinsa sababa sanaan uumamu akka to’atu dhiibbaan irra gahaa jira” jedhu.

Ta’us garuu “qaamonni seera kabajiisan mirgoota yaada bilisaan ibsachuu namootaa akka dhiibaniif seerri karaa banu furmaata ta’uu hin jdanda’u” jedhu.

Waldhabdee uumuu fi akka babal’atu gochuun seera Itoophiyaa duraarrattis kan dhoorkamedha kan jedhu gaazexeessaa fi barreessaa Bafiqaaduu Haayiluu, seera jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa balaa fidu qofarratti xiyyeeffachuun seera baasuun namoota yaada addaa qaban irratti sodaa uumuu hima.

Seerichi kaayyoo namoota akkanaa call’isisuu qabaachuu danda’a jedha Bafiqaaduun.

“Mootummaan ofiisaatii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo soba ta’an tamsaasuurraa bilisa miti,” jedha.

“Miidiyaalee mootummaa naannootiin bulan ilaala. Waraanaa piropagaandaarratti xiyyeeffataniiru. Waraanni kunis yeroo tokko tokko haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaatiin kan deegaramaniidha.”

Waldhabdeen sabaa fi amantii waggoota muraasa darban uumaman bakkeewwan interneetiin haalan hin jirretti dabalate kan uumaman waan ta’eef mootummaan akka jedhutti gaheen miidiyaalee hawaasummaa ol’aanaa akka hin taane agarsiisa jedha.

Seerichi bahus haasaa jibbiinsa fi namoota odeeffannoo sobaa tamsaasan to’achuun akka yaadamu san salphaa miti jedha Bafiqaaduun.

“Namoonni miidiyaalee hawaasummaa irratti haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa barreessan irra caalaa eenyu akka ta’an hin beekaman. Dhokataniiti kan barreessan.”

“Muraasni isaanii immoo baay’ee beekamti kan qaban waan ta’aniif tarkaanfii irratti fudhachuun, miidhaa haasaan isaanii geesisu caalaa rakkoo guddaa geesisuu danda’u.”

Bilisummaa daanga’e

Dubbi himaan Abbaa Alangaa walii gala kan ta’an Obbo Zinaabuun heera biyyattiirratti mirgi yaada ofii ibsachuu guutummatti bilisa miti jedhu.

Ummataa fi biyyarratti rakkoo uumuu danda’a jedhamee yoo yaadame mirgi yaada ofii ibsachuu daangeffamuu danada’a jedhan.

Ta’us garuu yaaddoo fi shakkiin seericharratti ka’u muuxannoo Itoophiyaan keessa darbiterraa kan fudhataman akka ta’an hubachuun ni danda’ama jedhu dubbi himaan kun.

“Saboonni miidhamaa jiru, namoonni dhuunfaa maqaan isaanii dhahamee balaaf saaxilamaa jiru. Haalli kun dabalaa jira. Dargaggoonni osoo waansaa hin beekiin waldhabdee keessa galaa jiru. Kun dhaabbachuu qaba,” jedhan.

“Mootummaa nageenya ummatasaa eeguu, itti gaafatamummaa waan qabuuf wixineen akkanaa gahee ol’aanaa qaba. Ka’uumsi keenya kana.”

Seerri ni raggaasifama jedhamee eegamu kun akka mootummaan jedhu kana mirga sabaafi lammilee dhunfaa eeguuf moo mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuf oola kan jedhu yeroon kan furu ta’a

 

Maddi: BBC Afaan Oromoo

DUUBDEEBII KENNI

Please enter your comment!
Please enter your name here