Miidhaalee(Kisaaraa guyyatti $5-$9) Haasaa Keessoo(CHAT) Marsaalee Hawaasaatiin – Muuxannoo Qabatamaa wajjiin.


Feesbuukiin marsaalee qunnamtii hawaasaa keessaa isa beekkamaadha. Yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaafi hordoftoota hedduu horate. Fayyadamtoota guyyaa guyyaan dabalaa deeman horatee jira, yeroo ammaa hordoftoota ka’aa(Active users) hanga biliyoona 2.19 horachuu odeeffannoon marsariitii dhaabbatichaa ni agarsiisa.
Haalli kun dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo addunyaa keessaa toora duraarratti akka hiriiru taasisee jira.

 

Tajaajila dhaabbanni guddaan addunyaa kennu keessaa Haasaan keessoo(chat) isa duraafi daandii qunnamtii hawaasaa tahee tajaajilaa kan jiruudha. Fayyadamaa Ergituu(Messanger) dhaabbanni feesbuukii fayyadamtoota isaa walqunnamsiisuuf fayyadamu keessaa akka qorannoon bara 2017 ibsutti Fayyadamtootni miliyoona 200 ol akka walqunnamtiidhaaf dhimma itti bahu. Guyyatti Haasaan biliyoonota hedduun lakkaawamu Ergituu Feesbuukiin, Whatsup, Imo, Twitter, Instagram, fikkf walqunnamtii hawaasaatiif dhimma itti baahaa jirra.

 

Kanumaan walqabatee Muuxannoo dhuunfaa kootii irraa miidhaawwan itti fayyadama Marsaalee hawaasaa keessattuu haasaa keessoo(Chat) akka dhuunfattis tahee akka gareetti, akka dhaabbataatti ykn akka biyyaatti qaqqabsiisu jedhee yaadu ragaadhaan deeggaree isiniif qooda.

Baldhinnisaa kunooti:
Anis akkuma nama kamiiyyuu osoo hin barfatin Bara 2010 A.L.Atti yeroo Barnoota Sadarkaa olaanaa eegalu, yeroo jalqabaatiif Miseensa Marsaalee Hawaasaa keessaa Facebook fayyadamuu jalqabe. Erga Tajaajila marsaalee Hawaasaa kanatti dhimma bahuu eegalee kunoo woggoota 8 lakkoofsise.

 

Yeroo jalqaba, Barnoota sadarkaa olaanaa Yuunivarsitii Haramaayaa seenu, Barnootni akka qoradhu itti ramadame Teekinoolojii Odeeffannoo(IT) waan taheef saffisaan gara miseensa marsaalee hawaasaa(Feesbuukii) akka dabalamu carraa naaf banuu bira darbee itti fayyadama tajaajilichaatiifis yeroo dheeraa nutti hin fudhanne.





Erga Miseensa Feesbuukii taanee, booda ta’iiwwan heddu uumamuu eegalan. Isaan keessaa kanneen yoomuu hin irraanfatamne:
~ Barataan Gara kutaa barnootaa deemuu jibbuun dhibbeentaa olaanaan dabale, anis worruma jibbuu eegale keessaa tokko.
~ Yoo tasa kutaa barnootaa seenne; hanga achii baanee fiignee kutaa koompitaraa seennee interneeta fayyadamnuuf daqiiqaa lakkaawuu malee, barsiisaan waan barsiisu barataan hordofu yoo jiraatellee haga xiqqoodha.
~ Yoo kutaan barnootaa xumurame, kutaan koompitaraa keenya koompitara muraasa sanuu kan kutaan biraa itti barattu waan fayyadamnuuf koopmitara duwwaa jiru argachuuf erga kutaa barnootaatii fiignee kufaa ka’aa, walcaccabsaa, kan jige irra ejjachaa,… walumaagalatti nama humna qabutu dursee qabata.
~ Namni akkasitti walcaccabsee dursee dhufee qabate, yoo Fincaanillee mudde achirraa ka’uun hin jiru, keessattuu yeroo Laaqanni gahee kaaffee deemnee nyaachuu qabnu ykn Irbaanni gahee kaaffee deemnee irbaata nyaachuu qabnu irraanfatee kan yeroo kaaffeen cufamee garaan yoo beelawu of yaadatu irra caalaadha.
~ maal kana qofa, Waan garaa nama nyaatu barattootni department biroo qo’atan kanneen akka seeraa(law), Saayinsii hawaasaa, Barsiisummaa(Education)…fi kkf kanneen gola koompitara itti fayyadaman hin qabne immoo Gola Koompitara numa namoota muraasa hanqattee irratti walfindhu sana dufanii nutti dhiphisu, nan yaadadha yeroo isaan dhufanii balbala fuulduratti akka loon haya barbaadutti walgahanii ija keessa nu ol ilaalaa turan……..kkf fa’a.

 

Wanti isin ajaa’ibu garuu maaliif kun hundi akkasitti akka walfixu beektuu? – – Hojiidhaaf ykn Qo’achuu dhaaf isinitti fakkaatee? miti Hunduu Facebook banee olii gadi oofuu, shamarran suuraa bareeda fuulgocha(profile) irra kaawwatte barbaaduudhaan haasofsiisuu(CHAT) gochuudha.

 

Haalli kun Jireenya keenya Kaampaasii turre keessatti hirdhachuu osoo hin taane daraan dabalaayyuu deeme. Meeshaaleen barbaachisaafi haalli mijataan uumamaa dhufullee haasaan keessoo(Chat) hojii keenya guyyaa guyyaa tahuu eegale, hojii idilee manaa baaneef(Barnoota) irratti gufuu guddaa uume.
Sababa kanaaf kanneen barnoota addaan kutan, kanneen qabxii olaanaa galmeessaa turanii erga tapha haasaa keessoo eegalanii jalaa gale kan anumti qabatamaan beeku nama hedduu tarreessuu ni danda’a.

 

Haalli kun daraanuu cimaa deemuudhaan, Barattootni maatiin dirqamaan akka kan bilbila hin qabne akka maatiin bilbila bituuf, kan qabummoo bilbila interneeta hojjatu akka bitamuuf maatii dirqisisuun eegalame. Nan yaadadha, Hiriyyaan kiyya Bilbilasaa tan ‘china’ wayii halkan mana Fincaanii buusee, maatii kan biraa bichisiifate, Anis kan Interneeta hojjatu malee hin barbaadu jedhee Mobile ‘Nokia’ obboleessi koo hangafaa qabatu fudhadhee deeme. Maal kana qofaree, maatitti dubbiin cime, Guyyaa guyyatti Kaardiin dirqama tahe, Maatii ofii rakkatee nu barsiifate rakkoo dabalataa itti finne, Guyyatti kaardiin Qar.25 hanga Qar.100 maatiin baasuuf dirqame. waggoota muraasa dura Interneetni Itoopiyaa hangam qaalii akka tahe isinii tilaamaa. Dhiibbaan kun hanga kaayyoo keenya nu gachisiisutti itti fufe. Haa tahuu garuu barattootni rakkina kanaaf hin saaxilamin ni jiru jennee dubbachuuf kan nama rakkisu tahus, kanneen jabaatanii milkaa’inaan irra aanan hin dhabaman, Anis Hanqina hedduu qabaadhus kanneen haaluma kanaan milkaayan keessaadha.

 

Sana booda, Amaluma kana fudhannee, gara dirree hojii dhufne. Maamiltoota wajjiin keessoodhaan taphannus hedduumeffachaa dhufne. Kaardii bilbilaa dur gaafa kaampaasii maatiin nuuf guutaa ture amma ofii guuttachuu jalqabne. Kan dura guyyatti qarshii 25 yoo guuttadhe qusadhee oolfadhu amma guyyatti 2 fa’a guutuu eegaleera.

 

Akkuma jalqaba Qacarameen Dhaabbata Ameerikaa kan Merita Technologies jedhamutti waan ramadameef waan hundi natti cimaa dhufe. Waliigalteen keenya ‘Biyya Xoobiyaa keessatti ogeessi haaraa yoo qacaramu homaa hojjachuu waan hin dandeenyeef, yeroodhaaf TRANSPORT qofa siif kafallee, sibarsiifnee sana booda dhaabbiin siqacarra.’ jedhanii waliigalticha naa kennan. Hin hojjadhu jedhee didee ani gallaan, maatiin achi malee waajjira biraa hin deemtu jedhanii ni dhooggan. Isaan biratti hojii jalqabuuf dirqame.

 

Amma dhufte dubbiin, Anaaf kan Suusiin CHAT hirriba na dhoorkuuyyuu eegaleeru, Jarri FARANJII Ammoo daqiiqaan waan hojjatte GABAASA sigaafatu, dabalataan INTERNEETIIN Mana isaanii Facebook akka hin hojjanne dhoorgameera. Ganama waajjira seennaan Laaqanas hoogganaa kiyya waliin nyaadha, galgala fiigichaan gara facebook yoo dhufu Maamilootni koo(Haasaa Keessoo – Inbox Friends) irra caalaan isaanii AKORROFANII na eegu, eenyutu dhugaa koo hubataree.

 

Kana iddoo buusuuf jecha halkan isaan keessummeessaa tura, xiqqoma rafee ganama hojii seena. Hooggantootni koo(Howard and Ann Grace James) waan ofitti nadhiyeessanii nagorsaniif rakkoo keessa seene kana keessaa nabaasuuf yeroo itti hin fudhanne. Hojii kootti akka xiyyeeffadhu daandii naa akeekan. Milkaa’ina hardharra gaheef gaheen isaanii laayyoo miti.

 

Booda turee, gara dhaabbata Ethiotelecom dhufe, dhaabbata abdii hin qabne, kan Gareen Gosaan saba tokko qofa tajaajiluuf dhaabbate fakkaatu, Hoogganaa tahuuf, iddoo kafaltiin gaariin jiru deemuuf, Leenjiif CHINE fi Biyya biraa ergamuuf, akka nama tokkootti kabajamtee hojii keetiin kabajamuuf kan gosa isaanii tahuun ulaagaa jalqabaa ta’e. keessaahuu ilmaan Oromoo hamilee cabsee hambisuu irratti kan xiyyeeffate, Faayidaalee muraasa asiin olitti eeramaniif kanneen biroo irraa fayyadamaa akka hin taane gochuuf jalqabuma yeroo qacaru sabummaa keessan galmeessaa jedhee achutti adda qooda waan turee, Oromoon Fayidaalee kanneen irraa bilisa, yoo basaasaa wayyaanee ta’e malee. hamileen qabadhee dhufe hundi waan arge kanaan najalaa badeef, namni Abdii kutate waan jalatti boqota barbaada, Maamiltoota koo (Haasaa keessoo – Chat Friends) kiyya araarfachuu eegalekaa.





Sana booda addunyaa biraa daganne, dorgommii irraanfannee CHAT tiyya suusii duriitti deebi’e. Bilbilli fayyadamnu kan haadaa(wired) ykn kan ji’aan kafalamu waan taheef kaardii guutuuf dhimma hin qabnu – yeroo Jiini gahee kafaltiin dhufu hunduu mataa qabata. Baasiin keenya interneetaaf kafallu ji’atti giddugaleessaan Qar.250-500 gahe.
Hiriyyoota koo hanga hardhaa ofirraa kafaluu dadhabanii SIM isaanii cufan hedduutu jira, ji’a itti aanu kafalla osoma jedhani humna isaaniitii oltahee.

 

Kun Kisaaraa guddaa, akka dhuunfattis, akka maatittillee, akka dhaabbatichaattillee akkasumas akka biyyaattillee.
Kana jechuun akka dhuunfatti Rakkoolee hedduuf saaxilamne.

Isaan keessaa muraasni:
1ffaa) Baasii humna keenyaa oliitiif saaxilamuuf sababa guddaa

2ffaa) Sa’aatii keenya kan mallaqatti hin tilmaamane kan yoomuu nuuf hin deebi’ne ajjeefne.

3ffaa) Nama eenyummaasaa hin beekneen namni heddu CHAT dhumaan walbaree, yeroo torbaan tokkoo ykn ji’a tokko ykn waggama tokkoof lubbuukoo, Sanyiikoo, jaalallee too, jaarsakoo, Abbaa warraakoo jechaa humnas, mallaqas yeroos waliin qisaasessanii BLOCK tokkoon dhaba walgodhe lakkoofsa hin qabu.

~ Hub: Kanneel haala kanaan walbaran hunda jechuun hin danda’amu gaariin wal argatee walkaadhimatee mana ijaarrates hedduutu jira waan taheef.

4ffaa) Yeroo maatii keenya qarqaaruu qabnutti, yeroo biyya teenyaaf waan haaraa uumuu dandeennutti, yeroo hojjachuu dandeennutti ofsakaallee, yeroo utaaluu dandeennutti osoo hin utaalin, Yeroo waan haaraa kalaquu dandeenyutti gochuu dadhabuun sababa itti fayyadama dhabneef jechuudha, yeroo biyya ijaaruu dandeennutti gahee keenya bahuu dhiisuun meeqa keenya qaanessaa jira laata?

5ffaa) Gaheen dhuunfaa kootii narraa eegamu maal ture, sababa kamiif milkaaye ykn sababa maaliitiif milkeessuu dadhabe jettanii yaaddanii beektuu? Dhaabbata keessa hojjadhuuf maal godhe, Biyya kiyyaaf hoo jettanii beektuu? Rakkoolee asiin olitti tarreeffame keessaa ani harka qabaa jettanii deebii argattanii?

Yoo akkuma koo rakkooleen kun isiniifis rakkoo tahe furmaanni maali? Sababa kanaaf maal dhabeera?, Furmaatni hoo maali jettaniimee??
Lakki ani itti milkaayeera yoo jettan mee muuxannoo keessan nuuf qoodaa….

Xumurarratti, ani akka nama dhuunfatti – rakkoolee muraasa asiin olitti eere kanaafi kanneen biroo erga ofirratti hubadhee booda, tarkaanfii muraasa fudhadheen Fooyya’iinsa gaarii keessa jira.
TARKAANFIILEE Fudhadhe:
~ Haasaa Keessoo(chat) hin barbaachifne dhaabuu – Nama hojiif ykn dhimmaaf na barbaachisu qofa sanas yeroo murtaayeef qofa dubbisee dhimma koo raawwachuu…
Kanarraa kan hafe, qoosaaf taphaaf, babbareeddan barbaadaa nama jaataneessuu, ofillee jaateneessuu irraa ofqusachuun tarkaanfii fudhdheedha.
~ Bilbilaan sa’aatii dheeraa fudhatanii odeessuun dhimmaaf qofa akka tahetti amana, no jinjanaa, no qoosaa, wasting time fi westing budget hambisuuf jechuu kooti.

Walumaagalatti, erga tarkaanfii akkasii ofitti fudhachuu eegalee, Kabaja hojii kootiif qabu namootni heddu naaf dinqisiifachuu eegalanii jiru, Ciminna Ogummaa kootiif daandii saaqaa jira – xiyyeeffannaan waan hojjadhuuf, bu’aalee hojii koo muraasni qabatamaan mudhachuu eegaluu, Galiin fi baasiin koo isa duriitiin yoo walmadaalamu garaagarummaa guddaa kan qabu tahuu, Gammachuu hojii koo idilee irraa argadhu dabaluufi kkf hedduudha.

Yoo Seeraan itti Fayyadamne Marsaaleen Hawaasaa Bu’aan isaa maal isa jedhuuf immoo Kutaa itti aanurratti na eegaa.





 

#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT: www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaa argachuuf: www.hojii.net

Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *