Mootummaan tajaajiloota Telekoomii Cufee olkaayuuf mirga hin qabu. Sagalee Ummataa Ukkaamsuufi burjaajiifi kisaaraa biraatiif biyya saaxila.

Mootummaan tajaajiloota Telekoomii Cufee olkaayuuf mirga hin qabu | Mootummaan rakkoolee tasa mudatanii biyya burjaajessan taasgabbeessuuf Interneeta dabalatee tajaajiloota biroo yeroodhaaf cufuu danda'a, Cufanii olkaayuun garuu Sagalee Ummataa Ukkaamsuufi burjaajiifi kisaaraa biraatiif biyya saaxila.

0
60
rakkoo adda cituu interneetaa

Dambii Itti-Fayyadama Interneetaa – Dambiin kun kan sadarkaa Idil-Addunyaatti hojiirra ooluudha. Dambiin kun dhaabbata SANS(Institude for the Internet Community) jedhamuun qophaaye. Dhaabbanni dhuunfaa ykn biyyi tokko Interneeta fayyadamuuf yoo murteessite Dambii kana fudhachuu qabdi, mirkaneessuufi diduu hin dandeessu(No approval and confirmation required).

Sababni qophaa’ummaa dambii kanaa(Purpose) FAYYADAMUMMAA SEERA QABEESSA INTERNEETAA Dhaabbileedhaaf ykn Biyya tokkoof akka Idil-Addunyaatti mirkaneessuuf.

Haguugni Dambii kanaa(Scope) – Qaama kamiinuu kan INTERNEETA FAYYADAMUU Barbaadu hundaaf. Kunis Namoota dhuunfaa, Garee, Dhaabbata kamiiyyuu, Waajjiraalee kamiinuu, Naannoo ykn Biyya kamiinuu akkasumas hanga Ardiifi Idil-Addunyaatti kanneen Tajaajila Interneetaa fayyadaman hunda ofkeessatti kan hammatuufi too’atuudha.

Kaayyoon dhiyeessii Interneetaa(Objectives) – Sosochiilee daldalaa deeggaruu, Cimsuu, utubuufi hojiilee isaanii saffisaan akka itti hojjataniif kan qophaayee yommuu ta’u, Qaamni fayyadamaa ta’e immoo tajaajiloota daldalaas ta’ee kanneen biraa kan seera biyyattiitiin fayyadamummaan mirkanaaye qofaaf dhimma itti bahuu qabu.
Tajaajilli Interneetaa kun uumamee akka Addunyaaf raabsamuuf kan haala mijeeffsseefi gahee guddaa taphate dhaabbata Idil-Addunyaa ITU(International Telecommunications Union) jedhamu kan bara 1965 hundaayeedha. Irra caalaa Qunnamtii Interneetaa irratti dhaabbatni murteessuufi haala mijeessuuf aangoon kennameef dhaabbata Idil-addunyaa ITU jedhamu kana.
Haaluma kanaan ITU Seerota Qunnamtiifi Itti Fayyadama Interneetaa kan of-danda’ee yeroo ammaa “ITU standards” jedhamu kan bara 1989 raggaasifame qopheessee Addunyaaf raabsee jira, kanaafuu; Biyyi tokko INTERNEETA FAYYADAMUU yoo barbaadde dursa Miseensa dhaabbata ITU kanaa taatee seera olitti caqafame kana mallatteessu jechuudha.

Biyyi tokkpo miseensa taatee tajaajila interneetaa kana yoo fayyadamuu eegalte, seera biyyattii irratti hundooftee; seericha fooyyeffachuu, tajaajila barbaaddu keessaa filattee kan hin barbaadne keessaa hambisuu, namoota dhuunfaatiif tahee dhaabbilee barbaadaniif tajaajila Interneetaa guutumatti ykn gamtokkee kennuufi dhooggachuun ni danda’ama. Sunis seeraafi heera biyyattiitiin wanni lafa kaawameefi qabatamni muldhatu amasiisaa yoo ta’e. Kanaan ala abbaan dhuunfaa, dhaabbatni akkasumas Mootummaa(Biyya) dabalatee sa’atii barbaadanitti cufuu ykn ugguruun kan hin danda’amneefi sababa amasiisaa tokko malee tarkaanficha irra deddeebiidhaan fudhachuun ykn tarkaanfii Interneeta cufanii achumaan caljechuu fudhachuun biyyattii kan adabsiisuudha, biras darbee hanga Miseensummaa irraa haqsiisuu kan qaqqabuudha.

Haaluma kanaan biyyi keenya Itoophiyaanis bara 1988, Kora Bulchiinsa Telegraafii fi Telekoomunikeeshiinii Idil-Addunyaa( World Administrative Telepgraph & Telecommunication) kan Meelboornitti taa’ame irratti Waliigaltee xumuraa mallatteessitee seerota ITU kana gara ofitti fudhatte.
Waliigaltee kana irrattis:
1) Dambii Ittiin bulmaata Telekoomunikeeshiinii Idil-Addunyaafi isaan walfakkatan akkaataa sirna ittiin bulmaata biyyattiitiin hojitti hiikuu
2) Dambii Ittiin bulmaata Telekoomunikeeshiinii Idil-Addunyaafi isaan walfakkatan kanneen Seeraafi heera biyyattii faallessan yoo jiraate hojiirra akka hin oolle keessaa kan hambisu ture.

Haaluma kanaan; Irra deddeebiidhaan Biyya keenya Itoophiyaa keessatti mootummaan Interneeta yeroo cufu argaa jirra. Mootummaan kanaan dura ture, kan tarkaanfii Abbaa Irrummaafi gara jabeenyaatiin Interneeta cufaa kan tureefi Mootummooleen Idil-Addunyaas gaaffii lammiileen tajaajila Interneetaa akka argataniif gaafatamullee kan deebii hin arganneefi lammiileenis Mootummicharraa abdii waan hin qabneef tajaajila bilisaa mootummicharraa kan hin eegne ture.
Haaluma sana keessa ture Ummanni biyyattii walqindeessee hayyootaan deeggaramee Mootummicha sanas kan ofirraa awwaale Interneetichumatti dhimma baheeti.

Haata’uu malee, Jijjiiramni dhufe jedhamee erga Mootummaa MM Dr.Abiyyiin durfamu aangoo qabatee booda jijjiiramni tokko tokko gama tajaajila itti fayyadama inteneetaatiin jiraatus Naannoo tokkotti ykn iddoo adda addaatti rakkooleen tokko tokko yeroo mudatu Mootummaan barmaatilema kanaan dura turan akka muuxannootti fayyadamudhaan INTERNEETA CUFUUN irra deddeebiidhaan muldhata.
Mootummaan kanas yoo gaafatamu: “Rakkoo yeroowwan adda addaa biyya keenya keessatti mudachaa jiru salphisuudhaaf akkasumatti haala salphaadhaan rakkoolee too’achuudhaaf” jedhamee deebi’a.

Kun garu deebi quubsaa interneeta cufsiisuu miti, Interneetni dhufaatii isaa irraa kaasee Seeraafi dambii mataa isaa qaba. Dambiin sun kan biyyi keenya Itoophiyaan bara 1988 mallatteessite jennu sanaadha. Haata’uu malee akka ittiin bulmaata heera mootummaa biyya kanaawaliin deemutti mootummaan qopheeffachuu mirga qaba. Dambiin sun dhiyeessii tajaajila TELEKOOMII dabalatee hanga Itti-Fayyadama tajaajiloota TELEKOOMII sadarkaa nama dhuunfaa, garee, Sabaafi sablammii, naannoofi Biyyaatti kan ofkeessatti hammatu waan ta’eef DAMBII kanaan hoogganuudha malee interneeta cufuun biyya keenyaafis ta’ee akka Idil-Addunyaatti faayidaa isaa caalaa miidhaa ykn kisaaraa isaatu irra hedduudha.

Akka fakkeenyatti yoo fudhanne; Biyyi keenya Itoophiyaan yeroo ammaa Interneeta cufuu isheetiif qofa guyyatti Galii Doolara Ameerikaa Mil.3.4 dhabaa jirti. Interneetiin ji’a lamaa oli cufame yoo jenne Mil.3.4 ji’a lamaan yoo baay’ifne Doolara Miliyoona meeqa akka dhabne tilmaamaa. Galiin Namootni dhuunfaa interneetaan hojjatanii argatan ammoo dachaa kanaa tahuu danda’a. Fkn: galiin keenya(oroict.com) kan Interneeta irraa argamu yeroo ammaa dhibbeentaa 70 oliin hirdhateera.

Garuu, namootni tokko tokko yeroo dubbatan; Galiin lubbuu namaa caalu hin jiru, baga cufame jedhu; EEYYEEN lubbuun namaa qaaliidha, sababa interneetaatiif lubbuu namaas tahee qabeenyi kamuu baduu hin qabu, oroict.com kana sirritti amanna. Haata’uu malee Interneeta osoo hin cufin, SEERAA fi HEERA BIYYATTII kabachiisuudhaa, DAMBII Idil-Addunyaa kan Itti-Fayyadama Interneetaa sana hojiirra oolchuudhaan Namoota ykn qaama seera cabse seeratti dhiyeessuudhaan OLAANTUMMAA SEERAA Mirkaneessuudhaan mirga lammiilee eeguufi badii biyyaafi qabeenyarra gahu baraaruun ni danda’ama.
Kun qabatama jiru, Adeemsa Mootummootni Idil-Addnuyaa mirga lammiileefi biyyasaanii itti kabachiisaa jiraniidha.
Saniin ala INTERNEETA Cufuudhaan mirgi lammiilee kabajamu hin jiraatu, Mootummaan yeroo tarkaanfii fudhachuu danda’a, garuu tarkaanfichi Mootummicha yeroo dhaaf umrii dheeressa ta’a malee furmaata hin tahu, kanumaaf; kan Torbaan darbe Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ‘Itoophiyaan Interneeta cuftee Mirga Lammiilee sarbuu haa dhaabdu’ jedhee kan ibsa baaseef.

Walumaagalatti; Mootummaan yeroo tasa ykn osoo hin yaadamin rakkoon jireenya lammiilee ykn biyyattii miidhu yoo qaqqabe rakkinnicha hanga taasgabbeessuuf tarkaanfii walfakkaataa yoo fudhates, rakkinnicha erga taasgabbeessee ammoo Tajaajila Hawaasaa cufee olkaayuu dhiisuu qaba, gara sagalee Ummataa Ukkaamsutti jalaa jijjiirama waan ta’eef jennee gorsa keenya goolabna.

HORAA BULAA DEEBANAA
oroict.com Team!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here