Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmed Giddugala Daldala Interneeta Idil-Addunyaa Guddicha Alibaba daaw’atan

Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmed Giddugala Daldala Interneeta Idil-Addunyaa Guddicha Alibaba daaw'achuu Waajjirri Muummee Ministeera Itoophiyaatu gabaaseera.

0
76

********************
Ebla 27/2019(oroict.com) – Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmed Giddugala Daldala Interneeta Idil-Addunyaa Guddicha Alibaba daaw’achuu Waajjirri Muummee Ministeera Itoophiyaatu gabaaseera.

Image may contain: 6 people, people standing and suitMM Dr.Abiyi, Dhaabbata Daldala Interneetaa(Digital Marketing) kan tahe Alibaba Waajjira guddicha Muummichaa qaamaan deemanii ilaalan.Baruma kana Biyya Siwizerlandtti MM Dr.Abiyi Hoogganaa olaanaa Alibaba kan ta’an Jack Ma erga dubbisanii waa’ee daldala Interneetaa irratti marii godhan yeroo muraasa booda daaw’annaan kun kan ta’e. Daaw’annaan kunis Guddina diinagdee Itoophiyaa jabeessuufi saffisiisuu keessatti Hariiroo walitti dhufeenyaa jabeessuuf akka tahetu himame.

Image may contain: 1 person, standing

Kanumaan walqabatee Waajjirri Muummee Ministeera Itoophiyaa akka jedhutti, Itoophiyaa tajaajila Biyyootni addunyaa heddu itti fayyadamaa jiran(Daldala Intarneetaa) jalqabuuf qophii barbaachisu xumuraa jiraachutu himame.

oroict.com

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here