Stalkerware: itti fayyadamni softiweerii michuu ittiin basaasan dabalaa jira

Namni karaa bilbilashee hordofamaa, basaasamaa turte Eemii jedhamti. Abbaan manaashee odeeffannoo waa'ee hiriyootashee gadi fageenyaan itti himuu wayita inni eegalu seenaan kun hundi raawwatamaa turuusaa hubachuu eegalte.

0
226
Namni karaa bilbilashee hordofamaa, basaasamaa turte Eemii jedhamti. Abbaan manaashee odeeffannoo waa'ee hiriyootashee gadi fageenyaan itti himuu wayita inni eegalu seenaan kun hundi raawwatamaa turuusaa hubachuu eegalte.

”Wayita waliin haasofnu waa’ee oolmaa kootii fi waa’ee hiriyaa koo Saaraa dubbata. Dhimma dhuunfaa inni beekuu hin qabneedha kun.

Akkamiin barte jedhee wayitan gaafadhu natti himtee turte naan jedha. Kan natti himtee turte dagattefaa jedhee naan lola,” jetti.

Eemii, maqaashee isa sirrii miti, abbaan manaashee bakka oolmaashee hunda akkamiin akka baru heddu dhiphachuu jalqabde.

”Yeroo tokko tokko kaaffee keessatti hiriyootakoo waliin akka na argefaa natti hima.

Wayitan achiin darbun si arge naan jedha. Waanti hundi gaaffii natti ta’e. Nama hunda shakkuun eegale. Hiriyootan itti dhiyaadhullee amanuun dadhabe,” jette.

Haalli kun ji’ootaaf kan ture yoo ta’u shakkiin daranuu hammaataa dhufe. Gaa’illisaanii yaaddoo keessa galaa dhufe, shakkii fi sodaan gidduusaaniitti daranuu hammaate.

”Guyyaa tokko ana, abbaa manaa koo fi daa’ima keenya umurii waggaa ja’aa waliin taane daawwannaaf baane. Abbaan manaa koo suuraa kaase ilaali jedhee bilbila mobaayilii isaa natti kenne.

Battala sanatti ergaan wayii seene. Ergaan barreeffamaa kun akkas jedha ture: ‘Gabaasi guyyaa bilbila Eemii qaqqabeera, dubbisi,” jetti.

”Naasuudhaan dafqi narra yaa’een hafuura baafachuu dadhabe. Of tasgabbeesseen akka waanan qaama dhiqachuu barbaadeetti itti hime.

Yeroo sanatti daa’ima kiyyaaf jecha achi turuun waan narra tureef akka waan homaa hin argineettin callise.”

”Battala jalqabaa mana kitaabaa deemeen kompiyuutara fayyadamee mosaajii basaasaa inni narratti fayyadame adda baasuu eegale.

Wayita kana maraannaan an ji’ootaaf keessa ture deebii argachuu eegale. Waanti hundi ifa ba’uu, daadnii qabachuu eegale.”

Mosaajiin basaasaa ‘Stalkerware’ yookiin ammoo ‘spouseware’ jedhamee beekamu mala basaasaa jabaa kan ta’ee fi ifaan ifatti online kan gurguramuudha.

Mosaajii kana fayyadamuun ergaawwan bilbilarra jiran hundi ni dubbifamu, wanti screen bilbilaa irra jiru hunduu ni waraabama, GPS ni uggurama, kaameeraadhaan waan namni sun hojjetu hundu waraabuun ni danda’ama.

Woman on phone

Getty

Sidestep stalkerware

Tips to avoid being victimised:

  • Don’t leavedevice unattended – most software requires physical access
  • Ditch fingerprintlock – a partner can use your print while you sleep
  • Add security app– antivirus software can also detect spyware and remove it

Source: BBC

Akka gabaasa dhaabbata cyber-security ‘Kaspersky’tti namoonni mosaajii kana meeshaalee elektirooniksii isaaniirratti argan bara darbe keessa dhibbeentaa 35n dabaleera.

Qorattoonni dhaabbata kanaa bara keessa qofa hanga ammaatti meeshaalee elektirooniksii namoota 37,532 irratti mosaajiin ‘Stalkerware’ argameera.

”Namoonni hedduun desktop ykn laptop isaaniif eegumsa gochuu danda’u garuu bilbila mobaayilaaf eegumsa hin taasisan.” jedhu.

Argannoon Kaspersky akka mul’isutti mosaajii stalkerware fayyadamuudhaan Raashiyaan tokkoffaadha.

Indiyaa, Biraaziil, Ameerikaa fi Jarmaniin wal duraa duubaan lammaffaa hanga shanaffaarra jiru. UKn ammoo sadarkaa saddeettaffaarra jirti.

Eemiin erga kompiyuutarri ishee ugguramuu amantee booda teeknooloojiirraa amantii dhabaa dhufte.

Namni biraa Jessica jedhamtus mosaajii basaasaa ‘stalkerware’ kanaan miidhamteetti.

Abbaan manaashee duraa sagalee guddistuu ykn micro phone bilbilashee fayyadamuun waan isheen hiriyaa itti dhiyaattu waliin dubbattu hunda dhaggeeffachaa ture.

Abbaa manaashee duraa waliin erga wal hiikanii turaniiru, ta’us garuu battaluma hiriyootashee waliin wal argitu bilbilashee cuftee konkolaataa keessa dhoksiti, ammallee!

Dubartii aartee bilbila of dura keessee jirtuImage copyrightGETTY IMAGES

Namni Dhaabbata tola ooltummaa nageenyummaa meeshaalee eletirooniksii keessa hojjettu Gemma Toynton haalli kun miidhaa hamaa namarraan ga’a jetti.

”Warri mosaajii basaasaa fayyadaman kompiyuutaraa fi mobaayila namaatti dhimma ba’u. Kanarraa kan ka’e namoonni teeknooloojiirraa abdii kutataa jiru. Kun jireenya kee balleessa”.

Lammii Ameerikaa kan taate Eemiin yeroo ammaa kana abbaa manasheetiin wal hiikanii irraa fagaattee jiraatti.

Abbaan manaashee duraa kun kallattiidhaan akka hin bilbilleef ajaji darbeera.

Waa’ee eegumsa daa’imaa ilaalchisuun wayita itti dubbatuu fedhu karaa ergaa barreeffamaa qofa akka ta’u ajajameera.

Presentational grey line
Namoonni mosaajiidhaan nama basaasan ashaaraa qubaa hatuudhaan waan fedhan bilbila nama basaasabiirratti fe'uImage copyrightGETTY IMAGES
Goodayyaa suuraaNamoonni mosaajiidhaan nama basaasan ashaaraa qubaa hatuudhaan waan fedhan bilbila nama basaasabiirratti fe’u

Mosaajiin yookiin Softiweeriin namoonni fayyadamiin ittiin nama basaasan kun wayita bilbila nama basaasamuurratti fe’amu hin argamu.

Garuu waan namni hojjetaa oolu hundaa galmeessee gara nama mosaajii basaasaa fe’ee sanatti erga.

Namoonni yakka akkanaa raawwatan yoo qabaman adaabbii akkamiitu isaan mudata kan jedhu seeraan wanti taa’e jiraachuu baatullee akkaataa seera bara 1997 ba’e kan mirga nama karaa interneetii hacuucamuuf dhaabateetiin ni adabamu.

Teekinooloojii akkanaa to’achuurratti xiyyeeffatamuu akka qabu dhaamu Eemii fi namoonni akkashee miidhaman biroon.

 

Maddi BBC Afaan Oromooti

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here