Tajaajilli Ethiotelecom taanuu dhabe. Dhaabbanni #Ethiotelecom humna amma qabu kanaan rakkoo mana isaa keessa jiru keessaa bahee rakkoo ummataa furuu hin danda’u

0
241

  • #Ethiotelecom maaf tan duraatuu dhabe?
  • Rakkoolee Dhaabbaticha keessa jiraniifi Madda Rakkoo Tajaajila Telekoomii Itoophiyaa
  • Hanqina Hooggansa Haaraa fi Rakkoolee Walxaxaa duraafi Ammas jiru
  • Yaada Furmaataa

Dhaabbilee Maqaa Tekinoolojiitiin Biyya keenyaaf tajaajila Telekoomi dhiyeessa jedhu #Ethiotelecom Ummata Saamuu malee Tekinoolojiin Addunyaa Sadarkaa maal irra akka jiru quba hin qabu.  Dhaabbanni Tokkichi akkuma durii Abbaa Irrummaatiin biyya keenya Ummata miliyoona.100 oliif tajaajila Telekoomii dhiyeessu #Ethiotelecom, jijjiirama dhufe jedhamee waajjiraaleen tokko tokko tattaaffii taasisaa jiran sanumallee waan quba qabuu miti, tajaajila Telekoomii dhiyeessuuf waadaa ummataa gales bara durii irraa qabee waadaan qabeenya ummataa saamuu bira hin dabarre.

Eeyyen, tan duraan qabuu dhabe, Magaalaa Finfinnee dabalatee Kutaa biyyaa hunda keessatti Tajaajilli Telekoomii Itoopiyaa gadi-bu’uu bira darbee kufeera, tajaajila telekoomii hin qabnu hanga jechuu gaheera.

Dhaabbata kanatti komii dhiyeessuudhaaf Giddugalli Tajaajila Maamilootaa 994 yoo dubbisan, deebii dur dhagahaa guddanneefi ittiin hojjachaa turreetiin adda miti. Innis:

  • Maaloo Nuuf obsaa,
  • Takka turaa nuu bilbilaa,
  • Rakkoo Sirnaa(System)tu nu mudate,
  • Cufaa Deebisaa Banaa,
  • Obsaan eeggadhaa,
  • Rakkoon kun naannoma hunda waan ta’eef ni sirraayaa eeggadhaa fikkf.

 

Haata’uu malee, dhiyoo kanneen komii ka’uuf deebii yoo laatan:

* Gatii itti fayyadama tajaajilaa kan duraa irraa gadi waan buufneef namootni heddu fayyadamuu waan eegalaniif qulqullinni tajaajilaa gadi bu’uutti qabatu.

Eeyyen, kun sirrii ta’uu mala, magaalota eddu keessatti yeroo ammaa ummanni hanga bilbilallee waliif bilbiluuf rakkachaa akka jiru argaa jirra. Haata’uutii kun quubsaa dhaa?

Deebiin: Guutumatti quubsaa miti, Dhaabbatni #Ethiotelecom dhaabbata dorgomaa hin qabneefi Ummata Mil.100 ol kophaa isaatti saamaa jireenyasaa guutuu kan jiraate waan taheef dhaabbata yeroo takkaan Tekinoolojii gurguddaa hanqina kana takkaan furuu danda’u dhiyeessuu danda’uudha, garuu hin dandeenye.

Sababootni kufaatii tajaajila #Ethiotelekoomi keessaa muraasni kunooti:

 

  • Hanqina Bulchiinsa dhaabbatichaa.

Bulchiinsi dhaabbaticha keessa jiru gadii qabee hanga gubbaatti jiru gareefi kutaan kan wal ijaareedha. Bara ani waajjiricha keessa ture, iddoo HOOGGANAA jedhamu hunda Dandeettiidhaan osoo hin taane, Sanyummaadhaan hirama ture, haaluma kanaan nama Sanyummaadhaan ‘TIGREE’ tahe qofatu dhuunfateera. Gaaffii yoo gaafannuufi rakkoo jiru yoo dubbannu Doorsisaafi sodaachisaadhaan irra darbama.

Gaaffii gaafannuuf furmaanni kallaattiifi al-kallattiis nuuf kennamee hin beeku.

Akkasumas, Yeroma sana Caasaa garee biraa kan tahe, kan Saba Amaaraatu jira, Gareen kun Baay’inaan hedduumina kan qabuufi aangoo murteessuus dhabu iddoowwan hoggansaafi itti-aanaa tokko tokko kan qabuudha. Haala yerootiin walqabatee MM Dr.Abiyi erga gara Aangoo dhufee ammoo Caasaa duraan hooggansa too’atee biyya tana saamaa ture kaasee caasaa lammafaa kana ol sikse.

Caasaan aangootti olbahe kunis akkuma ol baheen caasaa hooggansa isaa kan durumaan ijaaranii lafaa qaban kana gadi diriirse, Aangoon olaanaan Bulchiinsa dhaabbatichaa Caasaa Ummata Saamee, ilmaan Oromoo dhaabbaticha keessa jiranis sodaachisaafi dararaa irraan gahaa ture kan ilmaan ‘Tigreetiin’ ijaarame aangoo kabajaan caasaa lammaffaa kan jibba ilmaan oromootiin guuttameef kenne.

 

 Caasaa haaraa muudame maal hojjate, maaltummoo danqe:

  • Caasaa isaanii kan dur aangoo hin qabne aangesse.
  • Gatii fayyadama tajaajilaa kan duraan sadarkaa idil-addunyaattuu hin jirreen ummata saamaa turan sanaan itti fufuu waan hin dandeenyeef gatii hirdhise.
  • Caasaan duraan ture iddoo ijoo hunda kan too’atuufi Baajata dhaabbatichaaf galu caalaa gareen aangoo kabu kan saamaa ture waan tureef Qabeenyas humnas kan baaseedha, bulnchiinsi haaraa caasaa kana too’achuuf rakkoo keessa seeneera.
  • Caasaa aangoo qabate hoogganaa kan jirtu Hooggantuun olaantuun yeroo ammaa kun xaxaafi shira dhaabbatichi waggoota asiin dura darban raawwacha ture furmaata kaahuufi gara fuulduraatti tarkaanfachuuf hanqina gahumsaa akka qabdu namootni keessa beekan gurguddaan dubbachaa jiru.

Hubadhaa: Dhaabbanni guddaan biyyi keenya fuulduratti lakkaawattu kun Ganda saamichaa qofa osoo hin taane

Waajjira hanga Maatii tokko fakkaatutti gandummaan keessatti dagaage, Qabeenya dhaabbatichaa hanga torbaanii akka ‘HUQQUBII’ walitti buusanii miseensa bulchiinsa isaanii ta’ee Mana, lafa, konkolaataa gurguddaa bituufi yeroo gara yerootti namoota adda addaatiif kan raawwataa turaniidha.

Dhaabbatichi Gamoo guddaa tokko yoo ijaare Nama isaanii bulchiinsa keessa jiru tokkoon galmeessisee ofumaa immoo kiraa ji’aa miliyoonaan lakkaawamuun nama sana irraa kireeffachaa kan tureedha, Gamoowwan Magaalaa Finfinneefi Magaalota Naannoo irratti dhaabbatichi akka giddugala daldaatti ijaarsisee itti fayyadamu hundi kan dhuunfaaf ijaarsifamee garuummoo ofumaa deebi’ee irraa kireeffatee itti hojjatuudha.

  • Ilmaan Oromoo Caasaa lamaan keessattuu hirmaannaa waan hin qabneef DAAWWATTOOTA[‘Tamalkachi’] ta’anii ilaalaa jiru. Hiriyyootni koo waggaa 5 dura waliin qacaramne ammas iddooma ana itti dhiisee bahe jiru, kanneen iddoo sanaa jijjiiramanis MINDAA walfakkaatuun Biiroo(office) jijjiiruuf, kan Laga harree ture Birbirsa Gooroo fidu jechuudha.
  • Caasaan tajaajila ummataa kennuuf haaraan ramadame kaan caasaa aangoo dhabeen butamee yakka hojjachuutti jira, SIM hin hojjanne, Qafoo hin hojjanne gurguranii ummata saamaa jiru. Aniyyuu SIM lama bitee lamaniyyuu na didee lafa kaayeera.
  • Caasaan aangoo dhabe caasaa isaanii kan duraan ijaaranii dhaabbatan ala teessisanii saamaa turan akka Kaardii Ummataa caljedhanii keessaa fudhachuu, Sirba irra galchine jedhanii mallaqa kutuu, Lakkoofsa gabaabaadhaan ergaa ummatatti erganii mallaqa kutuu, Bilbila biyya alaatii dhufu karatti eeganii qabuudhaan akka waan biyya keessaa bilbilamee fakkeessuudhaan Sharafa alaa(kafaltii doolaraan kafalamu) ofiif oolfatanii waajirichi immoo kafaltii nama biyya keessaa walitti bilbileen akka argatu gochuun cimee itti fufeera.
  • Caasaan duraan ummata saamaa ture dhaabbilee #CHINA wajjiin waliigalteedhaan akka #SHAREtti hojiiwwan adda addaa hanga ummata irraa mallaqa hatuu hojjachaa kan turaniidha, Fkn: Yeroo kaardiin ummataa akkuma mobiletti guutameen keessaa fudhatamaa ture tokko dhaabbata China kan ZTE jedhamutu akkas gochaa ture. Akkasumas fkn: Moosajiiwwaan dhaabbatichi fayyadamu, Diriirsa Cindaa(network) kutaalee biyyaa fi kkf Caasaa duraa waliin waan taheef caasaan kun sirnicha(System) ammaa kana itti fufsiisuuf rakkoon waan mudate fakkaata.

Kanaafi kasnneen maqaa hin dhahin hedduutu jira.

Ani wantoota kanneen muraasa waani kaaseef dhaabbata amanamummaan tajaajilaa ture icciitii baasuuf osooo hin taane Hanqina tajaajilaa irraa kan ka’e dhugaa ummanni hundi beekuufi mandhee rakkoo eerumaaf.

Walumaagalatti, Dhaabbanni guddaan silaa akka addunyaattilee fakkeenyummaan ka’uu bira darbee galiidhaanis guddina biyya keenyaatiif hanga dhibbeentaa digdamaa(20%) gumaachuu danda’a jedhamee eeggamu dadhabinaaf ijaarsa caasaa gandummaa keessaa bahee biyya tajaajiluu dadhabuufi

Keessattuu Ilmaan Oromoo dabalatee sabootni hedduun akka alagaatti ilaallamuufi Hajjataanillee miira dhaabbata kiyya jedhee ittiin haasawuunillee hanga dhabuutti kan geessise tahuu argaa jirra.

 

Kanaafuu, MM Dr.Abiyi hatattamatti waa lama gochutu isarraa eegama jedheen yaada.

1ffaa) Hooggansa gahuma jabaa qabu kan rakkoo duraan turte furuu danda’uufi dhaabbata hatticha ummata saamaa oolu kana guutumatti hojii Bulchiinsa ammaa kana diiganii haaraa ijaaruu barbaachisa waan ta’eef Ogeessa jabaa gara waajjira kanaa akka fidu dhaama.

2ffaa) Tajaajila Telekoomii kana dhaabbilee sadarkaa Idil-Addunyaatti Tajaajila Telekoomii kennaniif dabarsee hatattamaan akka laatamu gaafanna. Dhaabbanni #Ethiotelecom humna amma qabu kanaan rakkoo mana isaa keessa jiru keessaa bahee rakkoo ummataa furuu hin danda’u waan ta’eef osoo oolee hin bulin itti yaadamuu qabaan dhaamsa kooti.


HORAA BULAA DEEBANAA

ABDIISAA BANCAA JAARRAA

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here