Tajaajilli Interneetaa Seera too’annaa haaraa barbaachisa. Kanas karaa afuriin ilaaluu dandeenya – Mark Zuckerberg.

0
206
Mark Zuckerberg hundeessaafi Hoogganaa Olaanaa Dhaabbata Feesbuukiiti

Mark Zuckerberg hundeessaafi Hoogganaa Olaanaa Dhaabbata Feesbuukiiti.
Barruu dheeraa bifa armaan gadiitiin Markitu ‘Washington Post’ irratti maxxanse. kan hiike Abdisa Bencha Jarati

Tekinoolojiin qabiyyee olaanaa bara jireenya keenyaati, dhaabbileen akka Feesbuukii dirqama guddaa qabu. Guyyaa guyyatti dhimma arrabsoo jibbaansaa, Beeksisa qabiyyee siyaasaa tamsaasuufi eeggumsa hanna saayibarii irratti murtoo adda addaa dabarsaa oolla. Wantootni kunneen eegumsa hawaasa keenyaaf godhamu ijoo yommuu ta’an nuti garuu dhaabbileen dhuunfaadhaan akka murteessan gaafannee hin beennu.

Akkan ani amanutti seera jabaa mootummootaafi hooggantootaaf dabalataa nu barbaachisa. Seera interneetaa duraan ture fooyyeessinee hangam takka mirga namootni dhuunfaan mirga isaanii ibsachuu, waa uumtotni ykn adda dureewwan waan haaraa akka kalaqan, osoo daangaa jireenya hawaasaa hin cabsine dandamachiisuun ni danda’ama.

Wantoota baradhe irraa, guutumatti akkan amanutti seera haaraa dameewwan 4 jalatti nu barbaachisa. Qabiyyee miidhaa-qaqqabsiisoo(harmful content), Iftoomina Filannoo(election integrity), Icciitenya(privacy) fi Fayyadama deetaa(data portability) irratti.

Jalqabarratti, Feesbuukiin namni kamuu daandii sagaleesaa fayyadamuun, akkataa bu’aa qabatamaa ittiin argatu – muuxannoo waljijjiiruu irraa hanga guddinna qabataatti carraa laateera. Gama kanaan, nuti itti-gaafatamummaa tajaajiloota keenyarratti nageenya hawaasa keenyaa eeguu qabna. Kana jechuun murteewwan maaltu olola shororkeessuummaati, Arrabsoo jibbiinsaatifi kkf murteessuu gaafata. Guyyaa guyyatti irra deddeebiidhaan ogeessota waliin imaammata too’annoo keenyaa ni ilaalla, haatahuu malee sadarkaa keenyatti yeroo hunda dogoggora uumna, murteewwan ummanni keenya mormu murteessina.

Seera-baaftorni yeroo hunda kan natti himan, nuti yeroo hunda odeessarratti humna jabaa qaba, anis kana onnee guutuudhaan amana.Garuu, odeessuma keenya irrattiyyuu murtee gaarii dabarsina jedhee amanee hin beeku. Kanaafuu Qaama addaa tokko uumaa jirra, kan yoo murteen keenya hanqina qabaate hawaasni keenya itti ol-iyyatu. Mootummaa wajjiin hojjachaa jirra, hooggantoota olaanoo Faransaayi dabalatee, haala sirna qabiyyee keessa-deebiin(Content review system) sirnaan raawwatamuu irratti.

Dhaabbileen Interneetaa qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo irratti heera eegsisuudhaaf dirqama qabu. Qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo guutumatti interneeta irraa dhabamsiisuun hin danda’amu, garuu yeroo namootni hedduuminaan tajaajila walii-hiruutiin dhimma itti bahan – hundumtuu imaammataafi adeemsa mataa isaaniitiin ta’ee – nutimmoo tooftaa seerawaa ta’een itti dhiyaachuu nu barbaachisa.

Yaadni tokko; Qaamni sadaffaadhaaf Seera ittiin bulmaataafi too’annaa qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo lafa kaayuufi daabbileen ittiin akka madaalaman gochuudha.
Seerichi jalqabumarraayyuu maaltu akka hayyamamuufi dhoorkamu adda baasee kaaya waan ta’eef dhaabbileen sirna qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo too’achuuf isaan fayyadu ni ijaarratu.

Feesbuukiin dursee gabaasa iftoominaa(Transparency reports) qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo haala dansaan too’achuuf gargaaru hojitti hiikeera. Ani akkan amanutti Tajaajilli Interneetaa yeroo gabaabduu as deemtu tana keessatti tarkaanfii walfakkaataa fudhachuu qabu, sababni isaa gabaasa galiifi baasiitiif barbaachisaa waan ta’eef. Yeroo takka rakkoolee qabiyyee-miidhaa qaqqabsiisoo yoo hubanne, dhaabbileen kam fa’atu jijjiirama gaarii agarsiise waan jedhu hubannee eessaa akka kaanu bariuun salphaa taha.

Lammeessoo: Seera tumuun eeggumsa Filannootiif bu’aa qaba, Dhaabbanni Feesbuukii dhimma beeksisa Siyaasaan walqabatuu irratti jijjiirama homaan jenne tokko taasiseera.
Beeksifattootni ykn dorgomtootni filannoo biyya kamiiyyuu beeksisa-siyaasaa bitachuudhaaf dursa eenyummaasaanii ibsachuu qabu. Barbaadduu kuftaalee(Searchable archive), kan beeksisa sanaaf eenyutu akka kafu agarsiisu, beeksisoota biraa kan namni sun sochoosu, beeksisa sana namoota akkamiitu akka ilaalu godhameera, fi hanga ifatti beeksischi kan siyaasaati moo miti jedhu baruuf nu dandeessisu tolchineeti jirra.

Sirni(System) keenya caalatti faayidaa kan buusu yoo imaammatni qooda fudhattota siyaasaa hoogganu bahee inni hojitti hiikameedha.
Heerri ammaa kan Filannoo siyaasaa toorarraa kan fuulleffate kaadhimamtootafi filannoorratti waan taheef dhimma siyaasaa qoqqooddaarratti kan fuulleffattefi walkeessa seensaaf kan xurree banuudha. Seerotni muraasni yeroo filannoo qofa hojitti hiikamu, Beeksifnu na filadhaa dhaabbata hin qabu. Akkasuma Beeksifni Filannoo siyaasaa deetaa akkamitti akka fayyadamuufi eenyuun fa’a biratti akka beeksifatu gaaffii deebii argachuu qabuudha. Kanaaf heerri caalatti fooyya’ee dhugaa lafa jiru akka calaqqisiisufi dhaabbilee irrattis hojiirra oolmaaf akka gadi bu’u barbaadna

………….”


Kutaan Lammaffaan itti fufa>>

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here